Sirni eebbaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa giddugala leenjii Awaash Bishoollaatti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Fulbaana 6, 2014(FBC)- Sirni eebbaa miseensota Raayyaa Ittisa Biyyaa giddugala leenjii Awaash Bishoollaatti leenjii loltummaa fudhachaa turan gaggeeffamaa jira.

Sirna eebbichaarratti Ittaanaan ajajaa humna lafaarraa fi hoogganaan damee Loojistikii fi Humna Namaa Meejer Jeneraal Indaalkaachoo W/Kidaan argamaniiru.

Sirna eebbaa kanarratti ajajaan Giddugala Leenjii Loltummaa Awaash Bishoollaa Koloneel Tarrafaa Currisoo gabaasa haala walii galaa leenjichaa dhiyeessuun isaanii ibsameera.

Meejer Jeneraal Indaalkaachoo W/Kidaan eebbifamtootaaf kallattii kan kennan yeroo ta’u, ergama itti kennamu kamiyyuu gahumsaan bahuu akka qabanis dhaamaniiru.

Eebbifamtoonnis gama isaaniitiin  leenjiin fudhatan ergama isaaniif kennamu gahumsaan akka bahanii fi biyya isaanii diina keessaafi alaarra ittisuuf qophii ta’uu himaniiru.

Akka gabaasa OBNtti sirna eebbaa kanarratti hoggantoonni olaanoo hojii mootummaa fi keessummoonni biroon argamaniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment