Sirni Dijitaalaa bilisa akka ta’uuf nageenya saayibariif xiyyeeffannaan kennamuu qaba jedhame

Finfinnee, Onkoloolessa 1, 2017 (FBC)- Sirni dijitaalaa bilisa akka ta’uuf nageenya saayibariif xiyyeeffannaa olaanaan kennamuu akka qabu Bulchaan Baankii Biyyaalessaa Maammoo Mihiratuun ibsan.

Baatiin nageenya saayibarii har’arraa eegalee baatii tokkoof turu mata duree “Nageenya bu’uuraalee misoomaa ijoo birmadummaa dijitaalaaf” jedhuun gaggeeffamuu eegaleera.

Saganticharratti Obbo Maammoo Mihiratuun akka jedhanitti, qabeenya dijitaalaa eeguu fi nageenya lammiilee mirkaneessuuf, nageenya sayibariif xiyyeeffannaa kennamuu qaba.

Sirni dijitaalaa Itiyoophiyaa bilisa fi birmadummaan isaa kan mirkanaa’e akka ta’uuf nageenya saayibariif xiyyeeffannaa olaanaan kennamuu qaba jedhanii, kanaafis dandeettii ogeeyyii cimsuun murteessaa ta’uu dubbataniiru.

Misooma teeknooloojii saayibariirratti dameen dhuunfaa gahee irraa eegamu akka bahatuuf kennaa teeknooloojii dargaggootaa dagaagsuun akka barbaachisu TOI gabaaseera.

Daayrektarri Olaanaa Bulchiinsaa Nageenyaa Odeeffannoo Tigisti Hamiid gama isaaniin, bu’uura karoora tarsiimawaa dijitaalaa Itiyoophiyaan, nageenya saayibarii eegsisuuf xiyyeeffannaan addaa kennamee hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Baatiin nageenya saayibarii kabajamuun hubannoo lammiilee gama cimsuun faayidaa olaanaa akka qabu himanii, haleellaa sayibarii Itiyoophiyaarratti aggaamaman fashaaleessuun kufaatii Birri biiliyoonatti tilmaamamu baraaruun akka danda’ame beeksisaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment