Finfinnee, Fulbaana 16, 2015 (FBC) – Sirni Daamaraa Masqalaa Finfinnee Addababayii Masqalaatti haala hawwataan ta’een sirnoota amantaan dabaalamee kabajamaa jira.
Sirnicharratti Pireezidaantii FDRI Saahilawarqi Zawudee, Kantiibaa Magaalaa Fnfinnee Adaanech Abeebee, Ministira aadaa fi Ispoortii, dippilomaatonni, abbootiin amantaa, hordoftoonni amantichaa argamaniiru.
Sirnicharratti Kantiibaa Adaanech Abeebee haasawaa taasisaniin, ayyaanni Masqalaa ayyaanota Yuuniskootti galmee hambaalee addunyaarratti galmaa’e ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanichi biyyattii bakkeewwan garaagaraatti bifa garaagaraan kan kabajamu ta’uu eeruun, Ityoophiyaa addunyaatti kan beeksiseedhas jedhaniiru.
Ayyaanichi magaalaan Finfinnee bakka hawwata tuurizimii akka taatuuf gahee olaanaa ba’achuu kaasaniiru.
Wayiitaa ayyaanichi kabajamuu jaalalla, michummaan, waliin jireenyi kan itti dagaaguu fi tokkummaan cimuu ta’uu eeraniiru.
Masqalli jaalala ta’uu ibsuun, dhalli namaas Masqalaarraa osoo baratee addunyaa kanarraa wanti furmaata dhabu hin jiru ture jedhaniiru.
Hundi jibbarra jaalala, waldhiibuurra walitti dhiyeenya, ofirra darbuun namoota biroof yaaduun murteessa ta’uu ibsanii, Ityoophiyaanis waliif yaaduu fi jaalala kana tokkoon tokkoo ijoollesheerraa kan eegdu ta’uu dubbataniiru.
Ministirri Ministeera Aadaa fi Ispoortii Obbo Qajeelaa Mardaasaa ergaa sirna Daamaraa Masqalaarratti dabarsaniin, Ayyaanni Masqalaa bacaqii gannaarraa gara bari’uu birraatti ce’uu kan ibsuu fi sirna aadaa fi aamantaan kabajamu ayyaana olaanaadha jedhan.
Yeroo ayyaanaa kanatti, kanneen walirraa fagaataan kan itti walargan, tokkummaan kan itti labsamuu, maaddii tokkorraa kan qooddatan, gaa’illi dhaabbatu, taphoonni aadaa kan itti taphatamanii fi caalattii yeroo waaqa galateeffannaa ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanni Masqalaa sabaa fi sablammootaa biroo biratti kan kabajamuu “Ayyaanaa duudhaa walooti” jedhanii, ayyaanichi tokkummaa fi walitti dhiyeenyaa ummatootaaf faayidaa olaanaa kan qabu ta’uu ibsaniiru.
Ayyaanni Masqalaa ‘UNESCO’tti kabajamuun qabeenyaa addanyaa ta’uu cinaatti, faayidaa diinagdee fi maqaa gaarii biyyaa ijaaruu keessatti gumaacha olaanaa kan qabuu ta’uu eeraniiru.
Ministeerri Aadaa fi Ispoortiis aadaaleen sabaa fi sablammootaa akka qorataman, misoomanii fi faayidaa biyyaaf akka oolfamaan taasisuufi dhalootaa ittaanutti akka darbuuf qaamolee dhimmi ilaallatu waliin kan hojjetan ta’uu mirkaneessaniiru.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataan argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.