Sirni cufiinsa Olompikii Paaris har’a halkan ni gaggeeffama

Finfinnee, Hagayya 5, 2016 (FBC) – Guyyoottan 16 darbaniif Faransaay Magaalaa Paarisitti gaggeeffamaa kan ture taphoonni Olompikii 33ffaan har’a halka ni cufama.

Paarisii fi qopheessituu taphoota Olompikii 34ffaa Loos Anjalas waliin walhakaa fuudhinsa ni taasiisu.

Adoolessa 19, 2016 eegalee Gosoota Ispoortii 32n dorgommiiwwan 329 gaggeeffamaa kan ture Olompikiin Paaris har’a halkan sa’aatii 4:00 irraa eegalee sirna hoo’aa ta’een cufamaan eegama.

Ragaa hanga ammaatti jiruun Itiyoophiyaan Meedaaliyaa Warqee 1 fi Meetii 3 Afrikarraa 4ffaa fi addunyaarraa 46ffaarratti argamti.

Chaayinaan Warqee 40, Meetii 27, Nahaasii 24 walitti qabachuun 1ffaa, Ameerikaan Warqee 38, Meetii 44 fi Nahaasii 43’n sadarkaa 2ffaa fi Jaappaan Warqee 20, Meetii 12, Nahaasii 13 walitti qabachuun 3ffaarratti argamti.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment