Sirni Carraa baasuu manneen waliin jireenyaa raawwatame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2015 (FBC) – Sirni Carraa baasuu manneen waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee raawwatameera.

Sababa yakka waliin dhahuu raawwatameen haqamee kan ture sirni carraa baasuu manneen Waliin jireenyaa magaalaa Finfinnee har’a gaggeeffameera.

Sagantaa kanaan manneen waliin jireenyaa abbaan 40/60 fi 20/80 kumni 25 fi 791 abbootii carraaf ni ba’u jedhame.

Manneen kumnni 18 fi 930 abbaan 20/80 fi kumni 6 fi 843 abbaan 40/60 abbootii carraaf kan ba’an ta’uu bulchiinsi magaalaa Finfinnee beeksiseera.

Waliigala galmooftoonni kumni 146 fi 892 kanneen hanga Gurraandhala 21, 2014tti qusannoo ga’aa qusatan carraa keessatti kan hirmaatan ta’uu ibsameera.

Sagantaa misooma manneenii 20/80 keessaa galmooftoonni kumni 93 fi 352, sagantaa misooma manneenii 40/60 ammoo galmooftoonni kumni 53 fi 540 carraa kana keessatti hirmaachuuf ulaagaa kanneen guutan ta’uu eerameera.

Galmooftoonni sagantaa misooma manneenii 40/60 qusannoo dhibbeentaa 40 fi isaa ol hanga Gurraandhala 21, 2014tti kan qusatan ta’uu ibsameera.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment