Sirni beekamtii kennuu paarkii biyyaalessa Gaarreen Baalee Roobeetti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 25, 2016 (FBC) – Sirni beekamtii kennuu Paarkii biyyaalessa Gaarreen Baalee Magaalaa Roobeetti gaggeeffameera.

Paarkiin Biyyaalessaa Gaarreen Baalee akka Paarkiitti hundaa’ee waggoota 54 booda galmee addunyaarratti galmaa’uu Bulchaan Godina Baalee Obbo Albdulhaakim Aliyyiin ibsaniiru.

Paarkiin Gaarreen Baalee dahoo bineensotaa qofa osoo hin taane wabii hawaasa ta’uu danda’eera jedhan.

Daayrektarri Olaanaan Abbaa Taayitaa Eegumsa Bineensota Bosonaa Itiyoophiyaa Obbo Kumarraa Waaqjiraan gama isaaniin, paarkichi Hambaa Addunyaa ta’ee akka galmaa’u gumaachi hawaasaa olaanaa kan ture ta’uu dubbataniiru.

Paarkiin biyyaalessaa Gaarreen Baalee hambaa addunyaa ta’ee galmaa’u leellisuu qofa osoo hin taane caalmaatti beeksiisuu fi kunuunsuun murteessaa ta’uu Ministirri Ministeera Turizimii Ambaasaaddar Naasisee Caaliin ibsaniiru.

Tasfaayee Ijjiguufi Meeroon Mulgeetaatuu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment