Sirni barnootaa haaraan dhalootaa rakkoo furuu horachuuf gahee olaana qaba jedhame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Sirni barnootaa haaraan beekumsa biyya keessaatti fayyadamuun  dhalootaa rakkoo furuu horachuuf gahee olaana qabaachuu ibsame.

Guutummaatti hojiirra oolmaa fi yaalii sirna barnootaa haaraa beekumsa biyya keessaa fayyadamuu fi dhaloota rakkoo furu horachuuf gahee olaana akka qabuu ministeerri barnootaa beeksise.

Ministeerichi hojiirra oolmaa sirnichaa ilaalchisuun ibsa kenneera.

Sirnichi gutummaatti hojiirra kan ooluu kutaa 1-8tti yoo ta’u, kutaa 9-10tti ammoo hojiirra oolmaan yaalii kan taasifamu ta’uu hojii raawwachiistuun gabbisa sirna barnootaa ministeerichaa Aadde Zaafuu Abirahaam beeksisaniiru.

Hojiirra oolmaan yaalii marsariitii ministeerichaa, barsiisotaa fi barattoota bira erga gaheen booda eeruu fooyyessaa hawaasni kennuun gabbatee bara 2016 guutummaatti hojiirra kan oolu ta’a jedhaniiru.

Siisaay Geetinnatitu gabaase

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment