Sirni barnootaa haaraan bara kana hojiirra ni oola jedhame

Finfinnee, Fulbaana 3, 2015 (FBC) – Sirni barnootaa haaraan Fulbaana 9,2015 irraa eegalee kutaa 1ffaa-8ffaatti hojiirra kan oolu ta’uu ibsame.

Ministir Deetaan Ministeera Barnootaa Dooktar Faantaa Mandafroo turtii Faanaa Broodkaastiing Korporeet waliin taasisaniin, sirni barnootaa haaraan naannoleefi bulchiinsota magaalaa hunda keessatti hojiirra ooluu kan eegalu ta’uu ibsaniiru.

Sirni barnootichaa gosoota barnootaa beekumsa biyya keessaa, naamusa gaariifi ogummaa kan ofkeessatti hamate ta’uu eeraniiru.

Sirna barnootichaa hojiirra oolchuuf haalduree barbaachisoon xumuramuu kaasaniiru.

Hanga Fulbaana 9tti leenjiin barsiisota sirna barnootaa haaraa waliin walbarsiisuu kan kennamu ta’uu dubbataniiru.

Bara barnootichaatti hojiimaanni haaraan qulqullina barnootaa eegsisuu dandeessisan hojiirra kan oolan ta’uu himaniiru.

Zufaan Kaasaahuuntu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment