Sirni baniinsa bara hojii manneen maree lamaanii har’a gaggeeffama

Finfinnee, Fulbaana 27, 2017 (FBC)– Sirni baniinsa bara hojii Mana Maree Bakka Bu’oota Ummataa fi Mana Maree Federeeshinii har’a ni gaggeeffama.

Sirni baniisa bara hojii 4ffaa waggaa 6ffaa manneen maree kanarratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawdeen waltajjii haasawaa akka taasisanii fi kallattiiwwan xiyyeeffannoo hojii mootummaa ni akeekuun eegama.

Ambaasaaddaroonni biyyoota garagaraa, bakka buutonni dhaabbilee idil addunyaa, abbootiin amantaa, namoonni bebbeekamoon, hoggantoonni Paartilee siyaasaa fi keessummoonni waamichi taasiifameef waltajjicharratti ni hirmaatu jedhameera.

Sirni baniinsaa manneen maree lameenii waaree booda sa’aatii 8:00 irraa jalqabee kan gaggeeffamu ta’uu ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment