Sirni baniinsa agarsiisaa “Torbee Dippiloomaasii” Itiyoophiyaa gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 2, 2016 (FBC)-Sirni baniinsaa agarsiisaa “Torbee Dippiloomaasii” Itiyoophiyaa Godambaa Saayinsiitti gaggeeffame

Sirnicharratti Pireezidaantiin FDRI Saahilawarqi Zawudee, Ministirri Muummee Ittaanaa fi Ministirri Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Mokonniin, Pireezidaantii Duraanii Dooktar Mulaatuu Tashoomaa dabalatee qondaaltonni olaanoo mootummaa, dippilomaatonni akkasumas keessummoonni biroon argamaniiru.

Agarsiisichi mata duree “Dippilomaasii Faayidaa Biyyaalessaa Keenyaaf” jedhuun har’arraa eegalee hanga Amajjii 24, 2016’tti kan turu yoo ta’u, seenaa dippiloomaasii Itiyoophiyaa, sadarkaa har’a irra jirtuu fi hojiilee fuulduraatti hojjetaman sagantaaleen argisiisan ni dhiyaatuun eegama.

Itiyoophiyaan dhaabbilee Addunyaa hundeessuu fi hogganuuf seenaa dippiloomaasii olaanaa qabdu argisiisuuf kan kaayyeffate agarsiisichi, seenaa dippilomaasii waggoota dheeraa Itiyoophiyaa argisiisuun waltajjiilee Gaanfa Afrikaa, Afrikaa fi Idil Addunyaarratti gaheen bahatte kan irratti mul’atan ta’aanis eerameera.

Dabalataaniis qorannoowwan garaagaraa 6 dhiyaachuun mariin paanaalii kan gaggeefamu yoo ta’u, kitaabni imala dippiloomaasii Itiyoophiyaa waggoota 116 Ardii Afrikaarraa hanga Waltajjii Idil Addunyaa irratti xiyyeeffate ni eebbifamaan eeggama.

Muluu Waaqshuumeetu gabaase

#Oromiyaa #Itiyoophiyaan

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment