Sirni badhaasaa Pireezidaanshaalii Naanoo Oromiyaa gaggeeffame

Finfinnee, Adoolessa 19, 2016 (FBC)- Sirni Badhaasa Pireezidaanshaalii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Bakka Pireezidaantiin Naannoo Oromiyaa Shimallis Abdiisaan argamanitti gaggeeffameera.

Pireezidaanti Shimallis Waltajjicharratti akka jedhanitti, dorgommiin kun hooggansa gidduutti xiiqii uumuun hojiin caalu akka hojjetamuuf kan kaayyeffateedha.

Qabsoon uummata keenya hoggansa addaa barbaada jedhanii,namni hunduu jabaatee hojjechuu akka qabu akeekaniiru.

Badhaasa kanaan Magaalonni Shaggar Warqii, Adaamaan Meetii,Bishooftuun Nahaasa yoo argatan, Godinalee Arsii Lixaa Warqii, Harageen Lixaa Meetii fi Harargeen Bahaa Nahaasaa argataniiru.

Manneen hojii mootumma keessaa Biiroon Fayyaa Oromiyaa Warqii, Biiroon Qonnaa Oromiyaa Meetiifi Inistitiyuutii Qorannoo Qonnaa Oromiyaa Nahaasa argachuun ibsameera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment