Sirni badhaasa Meedaaliyaa nageenyaaa dursaa aadaa gosa Dagoodiyaa Wabar Abdillee Wabar Abdii gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Mudde 8, 2015 (FBC) – Sirni Badhaasa Meedaaliyaa nageenyaaa dursaa aadaa gosa Dagoodiyaa Wabar Abdillee Wabar Abdii magaalaa Jigjigaatti gaggeeffamaa jira.

Pireezidaantiin Naannoo Somaalee Obbo Musxafee Mahaammad, hoggantoonni Aadaa hawaasaa Keeniyaa, Qaamoleen Federaalaa, Abbootiin Gadaa, Jaarsoliin biyyaa naannoo Sobaalee, Ulaamaawwan, dubartoonni fi dargaggoonni sirnicharratti hirmaachaa jiraachuu ibsameera.

Wabar Abdillee Wabar Abdiin walitti bu’iinsa naannoo Somaalee bakkeewwan garaagaraatti mudatan tasgabbeessuun lammiileen jireenya nagaa qabeessa akka jiraataniif gahee ba’achaa turaniif Pireezidaantii Keeniyaa duraanii Uhuuruu Keeniyaataan badhaasa kennuufii yaadachiifameera.

Sirni badhaasaa kun Wabar Abdillee Wabar Abdiin walitti bu’iinsa naannoo Somaalee bakkeewwan garaagaraatti mudatan tasgabbeessuun lammiileen jireenya nagaa qabeessa akka jiraataniif gahee ba’achaa turaniif beekkamtii laachuuf kan qophaa’e ta’uu eerameera.

Maddi:-TOI

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment