Sirni Awwalchaa Artisti Halloo Daawwee har’a raawwatama

Finfinnee, Onkololeessa 5, 2016 (FBC)- Sirni Awwalchaa Artisti Halloo Daawwee har’a Magaalaa Adaamaatti raawwatama.

Sirni gaggeessaa Artisti Halloo Istaadiyamii Magaalaa Adaamaatti sa’aatii 8:00 irratti kan gaggeeffamu ta’uu Koreen Sirna Awwalchaa beeksiseera.

Artisti Halloo Daawween artisti gameettii Oromoo, Dirree Dhawaa ganda baadiyyaa iddoo Awwaallee jedhamtutti bara 1954 dhalatteedha.

Umurii ishee waggaa 14’tti jechuunis bara 1968 Baandii Biiftuu Biyya Keenyaa jedhamutti makamuun weelluuwwan ishee jalqabaa mataduree ‘Oromoon Fardaan dabaalee fi Bishaan Laga Harree, Abbee Abbaa Kiyyaa fi kanneen biroo hojjechuu dandeesseetti.

Artistiin gameettii kun sirboota qabsoo fi jaalalaan albamoota 10 ol dhuunfaan hojjechuu akka dandeesse seenaan ishee argisiisa.

Artisti Halloo Daawwee dhukkubsattee wal’aanamaa turtuun kaleessaa Umrii Waggaa 62ffaatti du’aan Addunyaa kanarraa boqochuun kan yaadatamuudha.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment