Sirni awwalcha Abunee Marqoorewoos dilbata dhufu kan gaggeeffamu ta’uu ibsame

Finfinnee, Gurraandhala 29, 2014 (FBC) – Sirni awwalcha Paatriyaarkii Mana amantaa Ortodoks Tawaahidoo 4ffaa Abunee Marqoorewoos dilbata dhufu kan gaggeeffamu ta’uu ibsame.

Koree olaanaan raawwachiistuu awwalchaa ibsa guyyaa har’aa laateen siran awwaalcha Abunee Marqoorewoos gaggeessuuf Koree olaanaan miseensota 12 of keessaa qabuu fi of jalatti namoota 12 haammate hundaa’uun hojjechaa jiraachuu barreessaa olaanaan Siinodoosichaa Abune  Yoseef ibsaniiru.

Haaluma kanaan Bitootessa 3 reeffi isaanii bakka boqotee gara Masqal Addabaabaayiitti kan imaluu fi achitti sirni gaggeessaa kan taasifamu ta’uu ibsameera.

Gaafa dilbataa Bitootessa 4,2014 Bataskaana Kaatidiraala Sillaaseetti sirni awwaalcha isaanii kan raawwatu ta’uu eerameera.

Tsaggaaye Wandiwasantu gabaase.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment