Sirni Awwaalchaa Saayintistii beekkamaa Eeggumsa naannoo Dooktar Tawaldebirihaan raawwate

Finfinnee, Bitootessa 13, 2015 (FBC) – Sirni Awwaalchaa Saayintistii beekkamaa dhimma Eeggumsa naannoo Dooktar Tawaldee Birihaan Gabra Igzi’aabheer har’a Mana Amantaa Kaateediraalii Qulqulluu Sillaaseetti raawwateera.

Sirna Awwaalchicharratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministira Ministeera Dhimma Alaa Obbo Dammaqaa Makonniin dabalatee aanga’oonni Olaanoon, maatii fi michuuwwan isaanii argamaniiru.

Saayintistichi dhimmoota Eeggumsa naannorratti hojiilee jajjaboo hojjechuu isaanii ibsameera.

Qorannoo sanyiilee midhaanirratti qorannoo gaggeesseen sadarkaa idil addunyaatti beekkamtii fi badhaasa argatanii turan.

Bara Faranjootaa 2006 Badhaasoota ‘Nooveelii Filmaataa fi Goota Dachee keenyaa’ jedhaman argataniiru jedhame.

Dooktar Tawaldeen abbaa ijoollee dubartoota 3 turan.

Dooktar Tawaldeen dhibee isaan muudateen dhalatanii umrii waggaa 83ffaa isaaniitti addunyaa kanarraa du’aan boqotaniiru.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment