Sirni awwaalchaa Preezdaantiin Taanzaaniyaa duraanii Joon Maaguufuuliin raawwate

Finfinnee, Bitootessa 17, 2013 (FBC)- Sirni awwaalchaa Preezdaantiin Taanzaaniyaa duraanii Joon Maaguufuuliin raawwateera.

Sirni awwaalchaa isaanii bakka dhalootaa isaanii Taanzaaniyaa bulchiinsa Chaatootti raawwatameera.

Sirna awwaalchichaarratti maatii isaanii fi hoggantoonni hojii mootummaa biyyatti preezdaantii Taanzaaniyaa Saamiyaa Suuluuhuun durfamu hirmaataniiru.

Joon Maaguufuulii dhibee onneen walqabsiisee lubbuun isaanii darbuu mootummaan biyyatti beeksisuun isaa ni yaadatama.

Boqachuun isaanii erga ifoomee booda torbanootaaf osoo hin muul’atiin turuun isaanii himameera.

Maddi:-BBC

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubiihttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment