Sirni awwaalchaa obbo Wubisheet Warqaalammaaw raawwatame

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2012 (FBC) – Sirni awwaalchaa obbo Wubisheet Warqaalammaaw har’a waaree booda Kaatedraala Sillaaseetti raawwatameera.

Qopheessummaa Ministeera Aadaa fi Tuuriizimii FDRItin sirni gaggeessaa kabajaa reeffa isaanitiif addabaaba’ii Masqalaatti taasifameera.

Sirnicharratti maatii, firoottan, qondaaltonni mootummaa argamaniiru.

Obbo Wubisheet yeroo lubbuun jiranitti waajjiraalee mootummaa keessa hojjechuudhan tajaajilaniiru.

Preezdaantii Mana Maree Daldalaa Finfinnee, miseensa diippiloomaasii hawaasummaa, ambaasaaddara kabajaa Fannoo Diimaa fi Baankii Dhiigaa ta’uudhan tajaajilaniiru.

Ityoophiyaa keessatti ogummaa beeksisaatinis waggoota dheeraaf tajajailaa turaniiru.

Fulbaana 5,1930 kan dhalatan yammuu ta’u, Sanbata darbe Gurraandhala 21,2012 boqataniiru.

Comments (0)
Add Comment