Sirni awwaalchaa Luba Dooktar Ballinaa Saarkaa raawwatame

Finfinnee, Mudde 3, 2015(FBC) – Sirni awwaalchaa Luba Dooktar Ballinaa Saarkaa bakka awwaalchaa ‘Pheexiroos Wa Phaawuloositti’raawwatameera.

Lubni Dooktar Ballinaan sirnoota darban yeroo biyyattii keessatti amantaa tokkoo fi afaan tokko qofti leellifamaa turetti, Ummanni Oromoo afaan isaan waaqeffachuu fi wangeela barachuu akka qabu nama qabsa’aa turanii fi hojii hojjetaniin dhaloota biratti kan yaadatamanidha.

Lubni Dooktar Ballinaan hojiisaaniif nama gatii guddaa kaffalanii fi yeroo hedduuf mana hidhaatti dararamaa akka turan seenaan isaanii ragaa baha.

Lubni Dooktar Ballinaa Saarkaa bultii kan horataniifi abbaa ijoollee 6’ti.

Sirni gaggeessaa isaanii sadarkaa biyyaalessaatti paarkii michummaatti erga adeemsifamee booda Sirni awwaalcha isaanii har’a bakka maatii fi firoottan, jaalattoonni, luboonni akkasumas gaggeessitoonni Waldaa Kiristiyaanaa fi keessummoonni garaagaraa argamanitti iddoo awwaalchaa Kaatoolikiifi Pirootestaantii Pheexiroos Phaawuloosiitti raawwatameera.

Lubni Dooktar Ballinaa Saarkaa rakkoo fayyaa isaan mudateen, yaalamaa turuun sadaasa 27, 2015 addunyaa kanarraa du’aan boqochuun isaanii kan yaadatamudha.

Minaalee Gabayyootu gabaase.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment