Sirni awwaalchaa Dooktara Kabajaa Abbabach Goobanaa raawwate

Finfinnee, Waxabajjii 29, 2013 (FBC)- Sirni awwaalchaa Dooktar Kabajaa Abbabach Goobanaa raawwateera.

Sirni aawwalchaasaanii Mana Amantaa Kiristiyaanaa Kaateediraali Qulqulluu Sillaaseetti raawwateera.

Dooktarri kabajaa Abbabach Goobanaa vaayrasii koroonaatin umri waggaa 85ffaatti boqachuun isaanii ni yaadatama.

Sirna awwaalchaasaaniirratti Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Qulqulluu Abuna Maatiyaas, Ministirri Ministeera Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa, preezdaantii mootummaa naannoo Oromiyaa obbo Shimallis Abdiisaa fi itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebeefi hoggantoonni biroon akasumas maatii fi firroottan isaanii argamaniiru.

Dooktarri Kabajaa Abbabach Goobanaa sababa beela hamaa bara 1972 muudatee tureen daa’imman haadhaa fi abbaa malee daandirratti kufan 2 fudhachuun waldaa kunuunsaa fi misooma daa’immanii hundeessan.

Waggoottan 41 darbaniif daa’imman kumaataamaan lakkaawwaman guddisuun iddoo guddaa qaqqabsiisaniiru.

Sagantaa hiyyuummaa hir’isuu garaagaraan kutaa hawaasaa miiliyoona 1.5 oliif deeggarsa taasiisaniiru.

Haati miiliyoonootaa Dooktarri Kabajaa Abbabach Goobanaa hojii hojjetaniin waltajjii idil addunyaa garaagaraarraa badhoosota hedduu argataniiru.

Yuunvarsiitii Jimmaarraas Dooktara Kabajaa argataniiru.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment