Sirni awwaalchaa Artisti Alii Birraa raawwatame

Finfinnee, Onkololeessa 29, 2015(FBC)– Sirni Awwaalchaa Dooktara Kabajaa Artisti Alii Birraa Dirree Dhawaatti raawwatameera.

Artisti Alii Birraa sababa dhukkubaatiin Hospitaalaa Waliigalaa Adaamaatti wal’aama utuu jiru Onkololeessa 27, 2015 du’aan addunyaa kanarraa boqochuun ni yaadatama.

Guyyaa har’aas Finfinneetti sirni gaggeessaa gootaa fi kabajaa biyyalessaa Addabaabaayii Michummaatti kan raawwatame yoo ta’u, reeffii isaa Dirree Dhawaa bakkaa dhalootaa isatti geeffamuun sirni awwaalchaa isaa raawwateera.

Artisti Alii Birraa Abbaa isaa Obbo Mahaammad Muusaa fi Haadhaa isaa Aadde Faaxumaa Aliirraa Caamsaa bara 1940 Dirree Dhawaa Ganda Qoreetti dhalate.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment