Sirni awwaalchaa Ambaasaaddar Dinbaruu Alamuu raawwatame

Finfinnee, Amajjii 12, 2013 (FBC ) – Sirni awwaalchaa Ambaasaaddar Dinbaruu Alamuu raawwatame.
Sirni awwaalchaa Ambaasaaddar Dinbaruu Alamuu magaalaa Finfnee Kolfeee bakka awwalchaa muslimaatti raawwatameera.
Sirna awwaalchaa Ambaasaaddar Dinbaruu Alamuu irratti Itti Aanaa Muummee Ministiraa fi Ministirri Dhimma Alaa obbo Dammaqaa Mokonninii fi hooggantoonni hojii olaanoo mootummaa argamaniiru.
Ambaasaaddar Dinbaruu Alamuu Dubaayitti Waajjira Qonsilaa FDRItti dippilomaasummaan tajaajila irra otuu jiranii dhukkubsachuun yaalarra turanii Amajjii 9, 2013 du’aan boqachuun isaanii ni yaadatama.
Fuula Feesbuukii Keenyan Dabalata Odeeffannoo Waqtaawaa Argachuuf;
Teelegraama Keenya Https://T.Me/Afanoromofana Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Yuutyuubii Keenyan Nu Hordofuuf FBC Afaan Oromoo Https://Www.Youtube.Com/C/Fanabroadcastingcorporate/ Subiskiraayib Godhaa.
Karaa Marsariitii (Weebsaayitii) Keenya Fanabc.Com/Afaanoromoo Nu Hordofaaa.
Twiitara Keenya Https://Twitter.Com/Fanatelevision Nu Duukaa Bu’aa
Yeroo Maraa Nu Waliin Waan Taataniif Isin Galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment