Sirni awwaalchaa Abunee Marqooreewoos Bitootessaa 4 ni raawwata

Finfinnee, Gurraandhala 25, 2014 (FBC)- Mana Amantaa Tawaayidoo Ortoodkisiitti Paatriyaark 4ffaan kan ta’an Abunee Marqooreewoos Sirni awwaalchaasanii Bitootessaa 4 ni raawwata.

Sirni awwaalchaa isaanii Bitootessaa 4, 2014 Mana Amantaa Qiddistii Sillaasee Kaateediraalitti akka raawwatamuu Qulqulluu Siinoodoos har’a walga’ii arifachiisaa gaggeesseen murteessuu, itti gaafatamaan hariiroo uummataa mana amantichaa Iskindiir Gabraa Kiristoos Faanaa Broodkaasting Koorporeettitti himaniiru.

Kana dura sirni awwaalchaa isaanii Dilbataa dhufuu akka gaggeeffamuuf murtaa’uus, maatiin isaanii biyya alaa jiranii fi hoggantoonni amantaa biyyoota garagaraa sirna awwaalchaa isaaniirratti akka argamaniif yaadachiisuun Bitootessaa 4 akka gaggeeffamuuf murtaa’uu beekameera.

Dhibeerra bubbuleen wallansaarra kan turan Abunee Marqooreewoos kaleessa galgalaa boqachuun isaanii ni yaadatama.

Ityoophiyaa :- Haa Misoomsinu, Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment