Sirni awwaalcha Weellisaa Alamaayyoo Isheetee raawwate

Finfinnee, Qaammee 2, 2013 (FBC)- Sirni awwaalcha Weellisaa Alamaayyoo Isheetee raawwateera.

Sirni awwaalcha Weellisa Alamaayyoo Isheetee Kaateediraalii Sillaasee Qiddiist Maanbaaraa Tsaabaa’ootitti raawwateera.

Har’a addababaayii Masqalaatti sirni gaggeessaa reeffa weellisicharratti itti aantuun kantiibaa magaalaa Finfinnee aadde Adaanach Abeebee fi hoggantoonni mootummaa biroon, maatii, dinqisifattoonnii fi ogeeyyiin aartii argamaniiru.

Sirni awwaalch Weellisa Alamaayyoos bakka maatiin firoottanii fi dinqisifattoonni isaa argamaniitti raawwateera.

Sirbasaa ‘Temaar Lijee’ jedhu dabalatee sirbootasaan baroota hedduu lakkoofsisaniin miiraa namoota hedduu kan booji’uu muziiqeessaan Alamaayyoo Isheetee Hagayya 27, 2013 halkan walakkaa tasa lubbuun isaa darbuu beekameera.

Weellisaan kun sirbasaa ‘baradhuu ilmakoo halkanni aduudhaa kan hin baranneef ammoo guyyaan dukkanaa….’ Jedhuun miiliyoonataa booji’eera.

Weellisaa Alamaayyoo Isheetee waggoota 60f Muuziqaa Ityoophiyaa keessatti nama tajaajilaa tureedha.

Waldaan Weelliftootaa akka hundaa fi mirga ogummaa aartiif qabsaa turuu isaa ibsameera.

Alamaayyoo Isheetee Afaan Amaaraa, Afaan Oromoo fi kanneen biroon sirboota garaagaraa ummata fi jaallattoota isaan ga’eera.

Adda Waraanaa biyya keessaa fi alaarratti Muuziqaa dhiyeessuun loltoota jajjabbeessuu keessatti hojii hedduu hojjechuus himameera.

Faanaa Broodkaastiing Koorpooreet irraa deebiin boqachuu weellisaa Alamaayyoof gaddaa itti dhaga’aamee ibsuun maatisaaf, firaattoonnii fi dinqisifattoota isaaf jajjabina hawweera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna

Comments (0)
Add Comment