Sirni awwaacha barreessaa fi qorataa Boonsaamoo Mi’eessoo raawwate

Finfinnee, Muddee 16, 2013 (FBC) – Sirni awwaacha barreessaa fi qorataa Boonsaamoo Mi’eessoo raawwateera.

Barreessaan kitaabota afaanii, aadaa, seenaa, duudhaa fi safuu Oromoo Boonsaamoo Mi’eessoo boqochuu Waldaa Barreessitoota Oromoorraa odeeffanneerra.

Preezdaantiin waldichaa Barreessaa Yoomiyyuu Muul’ataan Hayyuun jabdichi eda boqachuu ibseera.

Sirni awwaalcha hayyuu argaa-dhageettii fi Barreessaa Boonsamoo Mi’eessoo guyyaa har’aa waaree booda sa’a 7:00 irratti magaalaa Shaashamannee ganda 01 Masjiida Aliimanitti raawwateera.

Barreessaa Boonsamoo Mi’eessoo warroomee abbaa ijoollee ture.

Kitaabota akka Madaala Sammuu (falaasama Oromoo calaqqisiisu) fi Madaala Looga Oromoo Arsii jedhu gumaachera.

Aadaa Oromoo Arsii qorannaadhan walitti qabuuf waajjira aadaa fi tuuriizimii keessatti hayyuu ga’ee olaanaa taphate ture.

Magaalaa Shaashamanneetti mana kitaabaa banuudhan, aadaan dubbisuu akka gabbatuu fi kitaabonni afaan Oromootin barreeffaman gola keessaa ba’anii dubbisaa bira akka qaqqaban hojjechaa tureera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.

Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.

Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

 

Comments (0)
Add Comment