Sirni araaraa Horroo Guduruutti gaggeeffame

Finfinnee, Sadaasa 6, 2016 (FBC)- Nageenyaa fi misooma waaraa mirkaneessuuf kan kaayyeeffate Sirni Araaraa Godina Horroo Guduruu Wallaggaatti gaggeeffamuu Raayyaan Ittisa Biyyaa ibse.

Sirnicharratti Ajajaan Ittaanaa Ajajichaa Meejer Jeneraal Nagarii Toleeraa, ummatoota jaalalaa fi nagaan waliin jiraatu walitti buusuun fiinxaaleyyiin bu’aa siyaasaaf fayyadamuu barbaadan lammiilee nagaarraan miidhaa geessisuu fi qabeenyaarraan mancaatii qaqqabsiisaa turuu yaadachiisan.

Raayyaan Ittisa Biyyaa naannawichaatti oppireeshinii gaggeessuu erga eegalee nageenya naannawichaa mirkaneessuun gara misoomaatti ce’uuf hojjechaa jiraachuun ibsameera.

Ummattoonni naannawichaa baroota dheeraaf waliin jiraatan, fuuldurattis nageenya naannawichaa mirkaneessuun gara hojiilee misoomaatti seenuu akka qaban hubachiisaniiru.

Araarichi, rakkoolee nageenyaa Godina Horroo Guduruu Wallaggaa Aanaa Amuruutti mudataa turan waloon ittisuuf kan dandeessisu ta’uu ibsamuu Ragaan Raayyaa Ittisa Biyyaarra argame ni mul’isa.

Sirna araarichaarratti qondaaltonni olaanoo Raayyaa Ittisa Biyyaa, bulchiinsa godinichaa, jaarsoliin biyyaa fi jiraattonni argamaniiru.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment