Finfinnee, Muddee 11, 2014 (FBC) – Godina Gujii Lixaa Aanaa Hamballaa Waammannaatti Abbootiin Gadaa Gujii Jilaa Aadaa Ardaa jilaa Malkaa Muuda Haballaatti taasisuun Nageenyaa, Fayyaa Uummataa fi Biyyaatiif Waaqa kadhataniiru.
Abbaan Malkaa obbo Neenqoo Aanoolee fi Abbootiin Gadaa Muudi Malkaa Sirna Waaqa Kadhachuudha jedhan.
Bakka bu’aa dursaa Qindeessaa Yaadaa fi Tuurizimii Waajjira aadaa fi tuurizimii Aanaa Hamballaa waammannaa obbo Dhaabaa Gabbisaa muudi Malkaa Abbaa malkaatiin kan durfamu ta’uu himaniiruu.
Bulchaa itti aanaan Aanaa Hamballaa Waammannaa Obbo Baqqalaa Badheessaa Hamballa jechuun bakka Hambaa Namaa jechuu yennaa ta’u Bara durii dhibee balaafamaan namoota lafarraa fixuun namoonni muraasinni waan Aanaa kanatti waan hafaniif Hamballatti moggaafamee jedhan.
Bara durii hongeen mudatee lageewwan hundi goganii Kan hafe Malkaan muuda Hamballaatti qofa ta’uu eeruun ,rakkooleen akka Waraanaa, Dhukkubinni fi Hongeen wayita muudatu Abbaa Malkaa waliin ba’anii waaqa Kadhatu,rakkoo sunis ni bada jedhan , itti gaafatamaan waajjira Aadaa fi Tuuriizimii Aanaa Hamballaa Waammannaa obbo Addisuu Waaqoon.
Jila kanarratti sirni horooroof siiqqee, Sirni dhibaayyuu, Sirni ciincaa korbeessa hoolaa fi sirni hulluqqoo gaggeeffamuu OBN gabaaseera .
Naannoo keessan eegaa!
Gara adda waraanaatti duulaa!
Raayyaa Ittisa Biyyaa deeggaraa!
Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama https://t.me/afanoromofana
Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.