Sirna galii walitti qabuu yeroo madaalu hordofuun barbaachisaadha – Dooktar Abiy Ahimad

Finfinnee, Caamsaa 8, 2016 (FBC) – Galii Itiyoophiyaa guddisuuf hojmaata ammayyaa fi Sirna galii walitti qabuu yeroo madaalu hordofuun barbaachisaa ta’uu Pireezidaantiin Paartii Badhaadhinaa fi Ministirri Muummee FDRI Dooktar Abiy Ahimad hubachiisan.
Koreen Hojii Raawwachiiftuu Paartii Badhaadhinaa raawwii hojii misoomaa, nageenyaa fi Siyaasaa baatiwwan saglan darbanii gamaaggameera.
Pireezidaantiin paartichaa Dooktar Abiy Ahimad raawwii baatiwwan saglan darbanii ilaachisee ibsa bal’aa kennaniiru.
Guddina diinagdee Itiyoophiyaa keessattuu, dameen Galii guddachaa jiraachuu raawwii bara darbee waliin wal bira qabuun dhiyeessaniiru.
Bara baajataa 2015 baatiwwan sagal keessaa Qaraxa Taaksii hundarraa galiin Birrii biiliyoonni 324 walitti qabamuu eeruun, bara 2016 baatiwwan saglan darban keessaa Birrii biiliyoonni 374 walitti qabamuu dubbataniiru.
Galiin waloo bara baajataa 2015 baatiwwan 9 Birri biiliyoona 42 yoo ta’uu, kan bara 2016 Birrii biiliyoona 54 qaqqabuu eeraniiru.
Waliigalaan galiin walitti qabamu fedhii fi humna biyyattiin yoo ilaallame gadi aanaa ta’uu himaniiru.
Galiin walitti qabamu dachaan osoo guddatee, Piroojektoota dhalootaaf fayyadan hedduu ijaaruun Badhaadhinaa biyyaa dhugoomsuun ni danda’ama jedhan.
Dhaabbilleen Sirna Taaksii walitti qabuu yeroon madaaluu fi bulchiinsa ammayyaa hordofuun waliindhahiisna gibiraa hambisuuf itti gaafatamummaa isaanii akka ba’an yaadachiisaniiru.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment