Sirna gaggeessaa reeffa Abunee Marqoorewoos ilaalchisee Humni Waloo Nageenyaa daandiiwwan cufaman ifoomse

Finfinnee, Bitootessa 2, 2014 (FBC)- Sirna gaggeessaa reeffa Abunee Marqoorewoos Addabaabaayii Masqalaatti  Bitootessa 3, 2014 gaggeeffamu ilaalchisee Humni Waloo Nageenyaa daandiiwwan cufaman ifoomseera.

Haaluma kanaan:

  • Daandiin Booleerraa gara Addabaabaayii Masqalaatte geessu Addabaabaayii Olompiyaarratti
  • Maganaanyaarraa karaa Haayaahulattiin Addabaabaayii Masqalaa geessu naannoo Bataskaana Uraa’eelitti
  • Kiiloo 4 irraa gama Ministeera Dhimma Alaan Addabaabaayii Masqalaa geessu Masaraa Mootummaa Biyyaalessaarratti
  • Piyaassaarraa gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannoo Hoteela Harraambeetti
  • Saaris irraa Gootaraarraan gara Addabaabaayii Masqalaa kan geessu naannoo Araatenyaa Kiflaxooriitti
  • Xoorhaayiloochiirraa gama Meeksiikoo Addabaabaayii Masqalaa kan geessu ibsaa Lagahaar irratti kan cufamu ta’uu ibsameera.

Dabalataan wayita reeffi isaanii Addabaabaayii Masqalaarraa gara Bataskaana Qidist Maariyaam gaggeeffamutti daandiiwwan Addabaabaayii Masqalaarraa gama Masaraa Mootummaa Biyyaalessaa fi  Ministeera Dhimma Alaa Kiiloo 4 geessan konkolaataaf cufaa ta’uu eerameera.

Bifuma Walfakkaatuun gaafa Bitootessa 4,2014 sirni awwaalchi isanii waan gaggeeffamuuf daandiiwwan gara Qidist Maariyaam, Kiiloo 4 fi Bataskaan Sillaaseetti geessan konkolaattotaaf cufaa ta’uu ibsameera.

Konkolaachistoonni daandiiwwan filannoo akka  fayyadamanii fi guyyicha sakatta’iinsi waan jiruuf deeggarsa barbaachisaa qamolee nageenyaaf akka taasisan yaadachiifameera.

Ityoophiyaa:-Haa Misoomsinu,Haa Ijaarru, Haa qophoofnu!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment