Sirna federaalaa cimsuuf gurmaa’iinsa dhaabbilee diriirsuun barbaachisaadha jedhame

Finfinnee, Fulbaana 6, 2015(FBC)- Sirna federaalaa cimsuufi fayyadamummaa uummataa haqa qabeessa mirkaneessuuf gurmaa’iinsa dhaabbilee diriirsuun barbaachisaa ta’uu Manni Maree Federeeshinii ibse.

Manni marichaa “Fooram Oof Federeeshin” waliin ta’uun magaalaa Baahirdaaritti walttajjii leenjii qopheesseera.

Afyaa’iin Mana Marichaa obbo Agganyaw Tashaagar, sirna federaalaa cimsuufi fayyadamummaa uummataa haqa qabeessaaf hariiroo fiisikaalaa mootummootaa irratti gurmaa’iinsa dhaabbatummaafi hojimaatilee diriirsuun hojjetamuu qaba jedhan.

Jijjiiramaan dura raawwiin federaalizimii fiisikaalaa bu’aa gaarii jedhamu galmeessuu kaasuun, hojiimaataafi hojiirra oolmaasaarratti rakkoo hedduu qabaachuu yaadachiisaniiru.

Manni marichaa yeroo ammaa rakkoolee kanneen furuuf dhaabbilee deeggartootaa dhimmi ilaallatu waliin ta’uun hojiilee bu’aa waaraa fiduu danda’an hojjechaa jiraachuu addeessan.

Leenjii manni marichaa kennaa jiru naannolee garaagaraatti marsaa 4ffaaf laatamaa jiraachuu ragaan mana marichaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment