Sirna fayyaa cimaa ijaaruuf hojmaata qindaawaa barbaachisa-Dooktar Liyaa Taaddasaa

Finfinnee, Sadaasa 14, 2015(FBC)- Balaawwan fayyaa tasaa hawaasaa dandamachuuf sirna fayyaa cimaa ijaaruuf hojmaata qindaawaa barbaachisa jechuun Ministirri Ministeeraa Fayyaa Dooktar Liyaa Taaddasaa dubbatan.

Ministeerri Fayyaa balaawwan fayyaa tasaa Ityoophiyaa keessatti mudatan ittisuu fi deebii kennuuf sagantaa qophaa’ummaa yeroo balaa damee hedduu ifoomseera.

Waltajjichaarratti Dooktar Liyaan akka jedhanitti, mootummaan damee fayyaan karoora guddinaa fi tiraanisfoormeeshinii keessatti kan hammatame keessa tokko sirna qophaa’ummaa fi kenninsa deebii balaa fayyaa tasaa hawaasaa fooyyessuudha.

Saaxilamummaa balaawwan fayyaa tasaa hawaasaa yeroo gara yerootti dabalaa dhufe ittisuu fi deebii hatattamaa gama kennuutiin qaamolee dhimmichi ilaallatu hirmaachisuun hojiilee bal’aan hojjetamaa jiraachuu ibsaniiru.

Balaa Fayyaa tasaa hawaasa dandamachuu fi deebii hatattamaa kennuuf kan dandeessisu sirna fayyaa ijaaruuf qindoomina qaamolee dhimmichi ilaallatu kan gaafatu ta’uun hunduu hirmaachuu qaba jedhaniiru.

Sagantaan ifoomes, balaawwan fayyaa tasaa dandamachuuf hojiilee hojjetamaa jiran caalmaan cimsa jedhamuu ragaan Ministeera Fayyaararaa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment