Sirna dhiifama sirreeffamtoota sadarkaa biyyaatti walfakkaataa taasisuuf hojjetamaa jira

Finfinnee, Muddee 1, 2012 (FBC) – Abbaan Alangaa Waliigalaa FDRI Sirna dhiifama sirreeffamtoota manneen sirreessaa Federaalaa fi Naannoolee sadarkaa biyyaatti walfakkaataa taasisuuf qorannoo gaggeessuu isaa ibsee jira.

Abbaa Alangaa waliigalaa FDRItti itti gaafatmaan waajjira Boordii Dhiifamaa obbo Zallaqaa Dalaaloo akka ibsanitti, haalli kenniisa dhiifamaa haala qabataamaa naannoolee irratti hundaa’uun isaa rakkoo uumaa waan jiruuf sadarkaa biyyaaleessatti walfakkeessuuf qorannoon akka gaggeeffamuu qabu irratti walii galameera jedhan.

Sirni kenniinsa dhiifamaa biyya tokkoo naannoo naannootti garaagarummaa qabachuun isaa sirreeftoonni komii akka kaasaan taasuurra darbee sirni haqaa amantaa akka dhabu godhee jira jedhan obbo Zallaqaan.

Haa ta’uutii seera yakkaa baasuun aangoo Abbaa Alangaa Waliigalaa otuu ta’ee jiru naannooleen aangoo isaanii ala wanta raawwatan hambisuuf bu’ura heera mootummaatiin sirna walfakkaataa ta’e sadarkaa biyyaatti diriirsuuf qorannoon gaggeeffame mariin irratti godhamee erga ragga’ee booda gara hojiitti ni hiikkama jedhaniiru.

Bifuma walfakkaatuun dhimma adabamtoota murtee du’aa ilaalchisees hojmaatni walfakkaatuu fi iftoomina akka qabaatuuf qorannoon gaggeeffamu isaa obbo Zallaqaan
ibsaniiru.

Carraan adabamtoota murtee du’aa maal?,akkamitti qababaman? Dhimmi isaanii haala kamiin gabaafama, ulaagaaleen walii gala maal ta’uu qabu dhimmoota jedhaman irratti hojmaanni walfakkaataan akka jiraatu qorannoonn gaggeeffamuu isaa obbo Zallaqaan himaniiru.

Jijjiirrama dhufe sababeeffachuun sirreeffamtoota 41 dhiifama argataniin ala manneen sirreessaa hunda keessa adabamtoonni murtee du’aa 147 akka jiran ragaan Abbaa Alangaa Waliigalaa FDRI argame ni mul’isa.

Comments (0)
Add Comment