Sirna Damaraa Masqalaa haala miidhagaan kabajuuf qophiin xumuramuun hojiitti galamuun eerame

Finfinnee, Fulbaana 12, 2017 (FBC)- Sirna Damaraa Masqalaa haala hoo’aa ta’een kabajuuf qophiin duraa barbaachisaan xumuramuun hojiitti galamuu Gamtaan Qaamolee Nageenyaa beeksise.

Ayyaanonni Ummataa dirreetti kabajaman nagaan akka xumuramaniif qaamoleen nageenyaa hawaasa hirmachisuun qindoominaan hojjechaa jiraachuun himeera.

Sirni Damaraa Masqalaa baranaas rakkoo tokko malee kabajamee nagaan akka xumuramuuf qophii duraa barbaachisaan taasifamuun hojiitti galamu ibsamuu Ragaan Poolisii Magaala Finfinneerraa argame ni mul’isa.

Ajajaa Qajeelcha Waliigalaa Ittisa Yakkaa Poolisii Federaalaa Komishinara Itti Aanaa Malaakuu Faantaan waltajji marii gaggeeffamerratti ayyaanonni haala hoo’aa ta’een akka kabajamaniif abbootii amantaa fi qaamolee dhimmichi ilaallatu waliin Gamtaan Qaamolee Nageenyaa xiyyeeffannaan hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Komishinarri Komishinii Poolisii Finfinnee Geetuu Argaawu gama isaaniin, ayyaanichi duudhaa amantaa isaa eeggatee haala miidhagaa ta’een akka kabajamuuf hawaasni hojiilee Gamtaa Qaamolee Nageenyaa akka tumsu dhaamaniiru.

Hoggantuun Biiroo Bulchiinsaa fi Nageenyaa Magaalaa Finfinnee Aadde Liidiyaa Girmaan, naannawaa ayyaanichi kabajamutti wantoota ayyaanicha waliin hidhata hinqabne qabatanii argamuun dhorkaa ta’uu hawasni hubachuun, qaamolee nageenyaa akka tumsu waamicha dhiyeessaniiru.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment