Sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa’aa ta’e diriirsuun weerara lafaa hambisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jira jedhame

Finfinnee, Adoolessa 11, 2016 (FBC) – Sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa’aa ta’e diriirsuun weerara lafaa hambisuuf hojii bal’aan hojjetamaa jiraachuu Biiroo Lafa Oromiyaa ibseera.

Magaalaa Bishooftuutti Piroojektiin Misooma Kaadaasteraa bakka sadarkaa itti aanaa Pirezedaantii Mootumma Naannoo Oromiyaatti qindeessaan Kilaastera Misooma Magaalaa Obbo Masfin Malakuufi keessummoonni biroo argamanitti eebbifameera.

Mootummaan Naannoo Oromiyaa rakkoo bulchiinsa lafaa keessatti mul’atu maksuuf Kaadastara lafaa hojiirra oolchee wabii abbaa qabiyyee mirkaneessuun sirna bulchiinsa lafaa ammayyaa’aa ta’e diriirsee weerara lafaa hambisuuf hojii bal’aa hojjechaa jiraachuu.

Misoomni kooridarii Magaalaa Finfinnee miidhakse Magaalaa Bishooftuu keessatti jalqabbii gaarii irra jiraachuu Obbo Masfin Malaakuun ibsaniiru.

Hojiin Kaadasteeraa magaalota hedduu keessatti xumuramaa jiraachuu eeruun, bakka hafattes hafanis yeroo gabaabaa keessatti xumuruuf hojjetamaa jiraachuu dubbataniiru.

Kaadaastarri utubaa sirna bulchiinsa lafaa ta’uu Hoogganaan Biiroo Lafaa Oromiyaa Obbo Kadiir Maammoon ibsaniiru.

Itti fayyadama lafaa, misooma lafaa, bulchinsa qabiyyeefi sona lafaa galma yaadameen ga’uuf kaadisteerri furtuu guddaa ta’uu himuu ragaan BKO irraa argame ni mul’isa.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment