Finfinnee, Onkololeessa 19, 2017 (FBC) – Hoggantoonnii fi Hojjettoonni Ministeera Barnootaa raawwii hojii kurmaana jalqabaa bara 2017 irratti mari’ataniiru.
Sirna Barnootaa biyyattii fooyyessuun kan barbaachise dhaloota Itiyoophiyaa hiyyummaa keessaa baasuu danda’u horachuufi jedhan Ministirri Ministeera Barnootaa Piroofesar Birhaanuu Naggaan.
Biyya fooyyoftuu dhaloota dhaalchisuuf wareegama kaffaluun murteessaa ta’uu kaasaniiru.
Akka lammiitti wanti nutti dhagahamuu qabu addunyaa yeroo ammaa waliin tarkaanfachuu dadhabuu keenya ta’uu qaba jedhan.
Akka Seektara barnootanis ta’ee akka biyyaatti riifoormiwwan hojiirra oolan qixa sirrii fi haqummaan hojiirra akka oolan tumsuun biyya fooyyoftuu dhaloota dhaalchisuu qabna jechuun ibsuu isaanii ragaan ministeericharraa argame ni mul’isa.
#Oromia #Ethiopia