Sinoodoosiin lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 50 taasisuuf murteesse

Finfinnee, Onkololeessa 18, 2014 (FBC)- Qulqulluu Sinoodoosii Mana Amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa lammiilee qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’aaniif deeggarsa Birrii miiliyoona 50 taasisuuf murteesseera.

Lammiileen haala waqtaawaa biyyattitiin qe’ee fi qabeenyaasaaniirra buqqa’uun rakkoof saaxilamaniif deeggarsicha taasisuuf murteesseera.

Qulqulluu Sinoodoos yaa’ii gaggeesseen murtoowwan garagaraa dabarsuu Paatriyaarkiin Ortodooksii Ityoophiyaa Abuuna Maatiyaas himaniiru.

Nageenyi biyyattii akka deebi’uuf waaqa kadhachuun barbaachisaa ta’uun mana amantaa Ortodoksii Ityoophiyaa guutuutti sagantaa kadhannaa akka darbuuf murta’eera jedhan.

Barreessaan Olaanaan Sinoodoosii Abuuna Yooseef qaamoleen Awustaraaliyaa, Kaadanaa, Awrooppaa fi Ameerikaa keessaatti jiraataan tokkummaa biyyaa diiguuf maqaa amantaatin socho’aan gochaasaaniirra akka of qusataan dhaamaniiru.

Manni Amanticha kana dura lammiilee buqqa’aniif deeggarsa Birrii miiliyoona 40 taasisuu kan ibsan Abuuna Yooseef, ammas irra deebiin lammiilee rakkoof saaxilamniif deeggarsa Birrii miiliyoona 50 taasisuuf murta’uu AMK gabaaseera.

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

 

Filatamoo
Comments (0)
Add Comment