Simpooziyeemiin misooma qabeenya bishaanii idil addunyaa 20ffaan Yuunvarsiitii Arbaa Minicitti gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 3, 2014 (FBC) – Simpooziyeemiin misooma qabeenya bishaanii idil addunyaa 20ffaan Yuunvarsiitii Arbaa Minicitti gaggeeffamaa jira.
Simpooziyeemicharratti waraqaaleen qorannoo garagaraa hayyoota biyya keessaa fi alaan kan dhiyaatan ta’uu ibsameera.
Ministirri Ministeera Bishaanii fi Inarjii Dooktar Habtaamuu Ittafaa rakkoo qabeenya bishaanii Ityoophiyaa mudataa jiru qindoominaan furuun barbaachisaa ta’uu eeraniiru.
Preezdaantiin Yuunvarsiitii Arbaa Minci Dooktar Daamxaw Darzaa gamasaaniin, damee qonnaa guddisuuf qabeenya bishaaniitti sirnaan fayyadamuun barbaachisaa ta’uu kaasaniiru.
Simpooziyeemichi guyyoota 2’f kan itti fufu yoo ta’u, hoggantoonni dhaabbilee garaagaraa, hayyoonnii fi qaamoleen dhimmichi ilaallatuun irratti hirmaachaa jiru.
Almaaz Makonnintu gabaase.
Fuula Feesbuukii keenyaan odeeffannoo waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Comments (0)
Add Comment