Simpooziyeemiin Ce’umsa beekkumsaa Chaayinaa –Afrikaa Beejingitti gaggeeffama jira

Finfinnee, Hagayya 23, 2015 (FBC) – Simpooziyeemiin Ce’umsa beekkumsaa Chaayinaa –Afrikaa Beejingitti gaggeeffama jiraachuu ibsame.

Ministir Deetaan Minsteera Daldalaa fi Walitti Hidhamiinsa Naannaawaa Obbo Kasaahuun Goofee Ityoophiya bakka bu’uunSimpooziyeemicharrati argamaniiru.

Hariiroon daldalaa, Invastimaanti kallatti Afrikaan Chaayinaa waliin qaban yeroo gara yerootti guddacha dhufuu eeraniiru.

Fayyadamummaan waloos dabalataa jiraachuu dubbataniiru.
Tumsa diinagdee fi Dippiloomaasii guddachaa dhufe caalmaatti guddisuuf Dippiloomaasiii Biiznasiirratti xiyyeeffannoon hojjechuun murteessaa ta’uu kaasaniiru.

Simpooziyeemichi guyyoota lamaf kan turu yoo ta’uu, mariin oomishaa Ityoophiyaa bal’inaan gabaa Alaaf dhiyyeessuurratti xiyyeeffate kan gaggeeffamuu ta’uu ragaan Ministeericharra argame ni mul’isa.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment