Finfinnee, Caamsaa 9, 2013 (FBC)- Simpooziyeemiin Aadaa,Tuurizimiifi Ispoortii Biyyaalessaa 1ffaan gaggeeffameera.
Simpooziyeemichi mata duree “Aadaa Tuurizimii fi Ispoortiin Badhaadhina Ityooohiyaaf’’ jedhuun Ministeera Aadaafi Tuurizimii Ityoophiyaan qopha’e qooda fudhattoota hirmaachisee gaggeeffameera.
Ministeerri Ministeera Aadaafi Tuurizimii Dooktar Hiruut kaasaw akka ibsaanitti, biyyi keenya gama aadaa, tuurizimiifi ispoortiin qabeenya hin xuqamne qabattuus hanga ammatti faayidaa malu irraa argachuun hin danda’amne jedhaniiru.
Damee kanaaf mootummaan xiyyeeffannoo laatee hojjechaa jiraachuu himaniiru.
Af Yaa’iin Mana Maree Federeeshinii obbo Adam Faarah gama isaaniitin, Mootummaan rakkoo dameen Aadaa, Tuurizimii fi Ispoortiin qabu furuuf dambii, qajeelfamootaa fi karoora of danda’ee qopheesse hojiirra oolche bu’a qabatama buusuu jalqabeera jedhan.
Simpooziyeemicharraatti qorannoowwan adda addaa xiyaatee mar’atamuu ragaan Ministeericharra argamee ni muuldhisa.
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf; :-www.fanabc.com
Yuutyuubhttps://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/
Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.