Simpooziyamiin Qorannoo Yuunivarsiitii Naannoo Oromiyatati gaggeeffamaa jira

Finfinnee, Waxabajjii 14, 2016 (FBC)-Yuunivarsitiin Naannoo Oromiyaa simpooziyeemii qorannoo waggaa marsaa 10ffaa fi idil addunyaa jalqabaa gaggeessaa jira.

Simpooziyeemii qorannoo kanarratti Itti Gaafatamaan Waajjira Pireeziidantii Naannoo Oromiyaa Dooktar Abdulaziiz Dawuud, Sadarkaa Pireezidaantii Itti Aanaatti Qindeessaan Kilaastara Hawaasummaa Obbo Abdulhaakiim Muluu, Itiyoophiyaatti ambaasaddarri Chaayinaa Shiin Kiinmiin, qorattoonnii fi keessummoonni biroo hirmaachaa jiru.

Pireezidantiin Yuunivarsitichaa Dooktar Garramoo Hulluuqaa, yuunivarsitichi hojii qorannoon deeggaramuun, humna raawwachiisummaa cimsuu fi manneen hojii mootummaa qorannoo fi leenjiin utubuun ceesisuurratti hojiilee garaagaraa hojjechaa jiraachuu kaasaniiru.

Simpooziyeemii qorannoo kanarraatti qorannoowwan 20 hayyoota yuunivarsitichaa fi yuunivarsitii biirootiin ni dhihaata jedhameera.

Qorannoowwan dhihaatanis akka naannoo fi biyyaatti manneen hojii mootummaa ceesisuu, kenniinsa tajaajila hawaasaa fooyyessuu fi dandeettii humna namaa gabbisuu irratti kan xiyyeeffatan ta’uun ibsameera.

Mahaammad Guddataatu gabaase.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment