Simannaan badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa bara Faranjootaa 2019 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Finfinneetti gaggeeffame

Finfinnee, Mudde 2, 2012 (FBC) -Simannaan badhaafamaa Noobeelii Nageenyaa bara Faranjootaa 2019 muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad Finfinneetti gaggeeffame.

Sirni simannichaas Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Boolerraa amma Maasaraatti taasifameera.

Muummee ministiraa Dooktar Abiy Ahimad dheengadda Noorweey magaalaa Ooslootti argamuun badhaasa Noobeelii Nageenyaa isaanii fudhachuun ni yaadatama.

Har’a ganama Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booleetti hoggansi mootummaa, namoonni beekamoo fi qaamoleen hawaasaa addaddaa simannaa taasisaniifiru.

Namoonni faradoon dabaalamanis Buufata Xiyyaaraa Idil Addunyaa Booletii amma masaraa mootummaatti isaan simataniiru.

Kabajaa isaanitiifis si’a 21 madfiin dhukaafameera.

Badhaafamaan looreetii noobeelii nageenyaa aaddunyaa shubbistoota aadaa fi maarch baandiinis simatamaniiru.

Comments (0)
Add Comment