Siistar Warqinash Kareetaa fi Siistar Maskaram Saxxanyi gootota damee fayyaa 2023 jedhaman

Finfinnee, Adoolessa 14, 2015 (FBC)- Sagntaa badhaasa gootota damee fayyaa 2023 mata duree “Women in global Health” jedhuun qophaa’erratti Siistar Warqinash Kareetaa fi Siistar Maskaram Saxxanyi badhaasa gootota damee fayyaa 2023 injifataniiru.

Ruwaandaa Kiigaaliiti kan qophaa’e sagantaa “Women in global Health” irratti hoggantootaa damee fayyaa biyyotaa 65’f badhaasni gootota damee fayyaa kennameera.

Siistar Warqinash Kareetaa damee ‘Haadhaa Dargaggootaa’ jedhuun badhaasa damee fayyaa 2023 dubartootaa argatan keessa tokko ta’aniiru.

Haalum walfakkaatuun Siistar Maskaram Saxxanyi, ogummaa isaaniin damee fayyaan Deessistuu yoo ta’an lammii Ityoophiyaa badhaasichaa argatan biroodha.

Siisatar Maskaram damee fayyaan waliingahiinsa tajaajiloota sirna koorniyaa dubartootaa fi dargaggootaa mirkaneessuuf kan hojjetan yoo ta’u, hojiilee dargaggoota ga’oomsuu dhaabbata miti motummaa waliin ta’uun hojiilee hojjetaniin beekkamticha argataniiru.

Alamaayyoo Garramuutu gabaase.

#Oromiyaa #Ityoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment