Siisiin Filannoo Pireezidaantummaa marsaa 3ffaa injifatan

Finfinnee, Mudde 8, 2016 (FBC)- Pireezidaantiin Ijibti Abdulfattaa Al Siisiin Filannoo pireezidaantummaa marsaa 3ffaa irraa deebiin injifatan.

Al Siisin filannoo torbaan darbe biyyattiitti gaggeefameen sagalee kenname 89.6 argachuun injifachuu Komishiniin Filannoo Biyyattii beeksiseera.

Filanniichaaf lammiileen miiliyoona 67.3 hirmaachuun ibameera.

Morkattoonni filannicharratti hirmaatan Paartiin Rippaabilikaan sagalee %4.5, Paartiin Soshaal Dimokiraatik Ijibti %4 akkasumas Paartiin Waafdi %1.9 argachuu Ahiram Online gabaaseera.

Filannoo marsaa 3ffaaf gaggeeffame kana ijnjifachuun hanga bara Faranjootaa 2029’tti pireezidaantummaan biyyattii kan gaggeessan ta’uun ibsameera.

Al Siisiin bara 2014 pireezidaantii biyyatti ta’uun filatamuun ni yaadatama.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment