Siimpooziyeemiin hariiroo Chaayinaa-Afrikaa cimsu Imbaasii Ityoophiyaa Beejing jirutti gaggeeffame

Finfinnee, Amajjii 10, 2014 (FBC) – Siimpooziyeemiin hariiroo Chaayinaa-Afrikaa cimsu Imbaasii Ityoophiyaa Beejing jirutti gaggeeffamuu ibsame.

Siimpooziyeemichi qindoomina  garee Ambaasaaddaroota Afrikaa chaayinaatti argamanii fi waajjira Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniin qophaa’uu ibsameera.

Kaayyoon siimpooziyeemichaa hariiroo Chaayinaa fi Afrikaa gidduu jiru cimsuurrattii fi murtoowwan walga’ii seeneegaal Daakaar gaggeeffameen darban hojiitti hiikuurratti kan xiyyeeffate ta’uu eerameera.

Siimpooziyeemiichaan ajandaawwan kaneen akka Kunuunsa naannoo, Misooma Baadiyyaa, Fayyaa Hawaasaa, Ittisa weerara vaayrasii Koroonaa, Maallaqaa fi Invastimantiirratti mari’achuu ibsa imbaasichi Faanaa Broodkaastiing Koorporeetiif ergeen eerameera.

Siimpooziyeemicharratti Ambaasaaddaroonni biyyoota Afrikaa, hoggantoota hojii DhMG teessoon isaanii Beejiing ta’e, Dippiloomaatonni fi hojjetoonni olaanoon Mana maree mootummaa Chaayinaa fi Ministeera Dhimma Alaa biyyatti argamuu ibsameera.

Ityoophiyaa :- Misoomsuuf, Ijaaruuf, Yaa qophoofnu!!!!

Fuula Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment