Siimkaardiwwan hojii seeraan alaaf oolaa ture kumni 7 ol to’atame

Finfinnee, Hagayya 13, 2014 (FBC) – Magaalaa Jimmaatti Siimkaardiwwan hojii seeraan alaaf oolaa ture kumni 7 fi 577 to’atameera.

Bulchiinsa magaalaa Jimmaa Ganda Ginjootti siimkaardiwwan kumni 7 fi 577 mana nama dhuunfaa keessatti kuufamuun hojii seeraan alaaf oolaa ture too’atamu  Qajeelcha Poolisii magaalaa Jimmaatti  Waajjirri poolisii Aanaa 2ffaa  beeksisee jira.

Siimkaardiwwan kana waliin meeshaaleen biroon kanneen akka Chaappaa fi  waraqaa eenyummaa sobaa shakkamaa tokko waliin to’atamuu ragaan Waajjira Kominikeeshinii magaalaa Jimmaarraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraama https://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment