Siifan Hasanii fi Mo Faaraan Rikoordii Addunyaa sa’aatii tokkoo Birasilisitti fooyyeessan

Finfinnee, Hagayya 30, 2012 (FBC) – Siifan Hasanii fi Mo Faaraan Rikoordii Addunyaa sa’aatii tokkoo Birasilisitti fooyyeessaniiru.

Atileetiin Dhalootaan Itiyoophiyaa Neezerlandisiif fiigdu Siifan Haasan hanga xumuraatti Rikoordii maaraatoonii Addunyaa kan harkaa qabdu Atileetii Keeniyaa Birgid Kosgii waliin morkii cimaa taasifteetti.

Yeroo sana Dirree Tunee bara Faranjota 2008 sa’aatii tokko keessatti meetira kuma 18,517 kan fiigde yoo ta’u, Siifan meetira kuma 18, 930 fiiguun rikoordicha fooyyeesiteetti.

Dhiirotaan Atileetiin Gireet Biriteen Mo Faaraan Rikoordii Hayilee G/Sillaasee bara Franjootaa 2007 qabatee ture fooyyeessera.

Hayileen sa’aatii tokko keessatti meetira kuma 21 fi 285 kan fiige yoo ta’u, Moo Faraan kaleessaa meetira kuma 21 fi 3330 sa’aatii tokko keessatti fiiguun Rikoordicha fooyyeessera.

Abdi Bashir immoo Meetira 8 duubatti hafuun 2ffaa bahe.

Atileetiin Keeniyaa Feezih Kepyeegoon Rikoordii meetira kuma tokkoo fooyyeessuuf itti dhiyaattus hin milkoofne.

Rikoordiin fageenya kanaa bara Faranjootaa 1996 Atileetii Raashiyaa vetlana Masterkoovaan kan qabameedha.

Keepyeegon Rikoordicha fooyyessuuf sekoondii 1 duubatti hafte.

Maddi:-BBC Sport.

Odeeffannoo waqtaawaa argachuuf Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.

Comments (0)
Add Comment