Siidinitti Fiigicha Maaraatooniin Atileetonni Ityoophiyaa olaantumman injifatan

Finfinnee, Fulbaana 8, 2015 (FBC) – Siidiniitti fiigicha maaraatoonii dubartootaan Atileetonni Ityoophiyaa olaantummaan injifatan.

Dorgommichaan Atileet Tigist Girmaa sa’aatii 2 fi daqiiqaa 25 fi sekoondii 10’n 1ffaan xumurteetti.

Atileet Lettabirhaan Hayilaay sa’aatii 2 fi daqiiqaa 25 fi sekoondii 45 galuun 2ffaa yoo baatu, lammiin Eertiraa Naazireet Walduu 3ffaan xumurteetti.

Fiigicha maaratoonii dhiirotaatiin ammoo Caaaluu Diisoo sa’aatii 2 fi daqiiqaa 07 fi sekoondii 08’n sadarka 3ffaan xumureera.

Dorgommii maaraatoonii dhiirotaa morkii olaanan irratti mul’ate lammiin Keeniyaa injifachuu ragaan Olompikii Siidinirraa argame ni mul’isa.

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegraamahttps://t.me/afanoromofana

Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbook:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment