Siidaan Koloneel Abdiisaa Aagaa eebbifame

Finfinnee, Adoolessa 4, 2014 (FBC) – Jilli Pireezidaantii Mootummaa Naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaan durfamu Siidaa koloneel Abdiisaa Aagaa mooraa Yuunivarsiitii Koolleejjii Poolisii Oromiyaa keessatti hojjetame eebbisiise.
Pireezidaanti Shimallis,Oolmaa gootaatu seenaa ummataa ta’a, goonni ummatasaaf hojjeta, dhiifama beeka, jaalala qaba, kan boriif bu’uura ka’ee darba malee madaa darbe hooquun ummata boossisaa hin jiraatu jedhan.
Koloneel Abdiisaa Aagaan bilisummaa dhala namaaf kan qabsaa’e goota addunyaati jedhan Pireezidaanti Shimallis.
Abdiisaa Aagaan goota qofaa isaa Xaaliyaanii magaalaa Room keessatti bilisummaa biyyaa labse ta’uu eeraniiru.
Walqixxummaa fi bilisummaa dhala namaaf qabsaa’uun nama addunyaarratti beekkamtii olaanaa horatan ta’uu Pireezidaanti Shimallis himuu isaanii OBN gabaaseera.
Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;
Yuutyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR
Twiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment