Sigiga lafaa Hindiitti mudateen guyyoota sadii booda namoonni 4 lubbuun argaman

Finfinnee, Adoolessa 26, 2016 (FBC)- Hindi Naannoo Keeraalaatti balaa sigiga lafaa mudatee tureen jijjigaa jalatti namoonni ugguramanii turan afur guyyoota sadii booda lubbuun argamuun gabaafame.

Balaa mudatee kanaan lubbuun namoota 195 yoo darbu namoonni 200 achi buuteen isaanii kan hinbeekamne ta’uun ibsameera.

Balaa mudate kanaan cinaattis hojjettoonni lubbuu baraarsaa hirmaannaa taasisaaniin balichaan jijjiga jalatti guyyoota sadif ugguramanii kan turan namoonni afur lubbuun argamuun eerameera.

Naannawichatti hojiin namoota sigigichaan ukkaamfamanii barbaachuu gaggeeffamaa jiraachuun Malay Mail gabaaseera.

#Oromia #Ethiopia

Comments (0)
Add Comment