Sidaamaatti hojiin pirojektiin bishaan dhugaatii Birrii miiliyoona 336 oliin ijaarsisuu eegalchiifame

Finfinnee, Sadaasa 15, 2016 (FBC)- Naannoo Sidaamaa aanaalee saddeetitti hojiin pirojektoota bishaan dhugaatii qulqulluu Birrii miiliyoona 336 oliin ijaarsuuf eegalchiifame.

Pireezidaantiin Naannoo Sidaamaa Obbo Dastaa Leeddaamoon, hojiin pirojektii bishaan dhugaatii qulqulluu Aanaa Gorcheetti Birrii miiliyoona 41 oliin ijaaramu jalqabsiisaniiru.

Pirojektichijiraattoota kuma 7 fi 200 fayyadamtoota taasisa jedhameera.

Pirojektoonni aanaalee saddeettan naannichaatti ijaaraman kunneen bajata mooummaa naannichaa fi dhaabbilee deeggartootaan ijaaraman ta’uu TOI gabaseera.

#Oromiyaa #Itiyoophiyaa

Odeeffannoowwan waqtaawaa dabalataa argachuuf;

Teelegiraama https://t.me/afanoromofana

Yuutiyuubii Afaan Oromo: https://bit.ly/3FjfCXR

Marsariitii fanabc.com/afaanoromoo

Tiwiitara https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa

Feesbuukii:https://www.facebook.com/afaanoromoofana/

Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.

Comments (0)
Add Comment