Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni garee Juntaa olaanoo 5 to’annoo jala oolan

Finfinnee, Muddee 30, 2013 (FBC)- Sibahaat Naggaa dabalatee hoggantoonni garee Juntaa olaanoo 5 to’anna jala ooluu itti gaafatamaan qajeelcha humna raayyaa ittisaa Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew ibsan.
Itti gaafatamaan qajeelcha humna raayyaa ittisaa Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew akka ibsanitti, hoogganaan garee juuntaa kan ture Sibahaat Naggaa bakka rakkisaa dhokatee turee keessaatti to’annaa jala ooleera jedhan.
Raayyaa ittisa biyyaa fi miseensoonni qaamolee nageenyaa federaalaa sakattoo waliin taasisaniin bakka dhokatee turee ba’uun to’anna jala oolchuu Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew himaniiru.
Dabalataan kanneen hafan biroonis raayyaa ittisa biyyaa ganuun hooggana isaanii Sibahaat Naggaa waliin to’annaa jala oolu himaniiru.
Humna hidhatee hooggantoota juunta kanneen eegaa ture irrattis tarkaanfiin fudhatamu himaniiru.
Haaluma kanaan to’annaa jala kan oolan:-
1.Hooggana garee juntaa Sibahaat Naggaa
2. Leetenaal Koloneel Tsa’aduu Riich- haadha warraa Sibahaat Naggaa fi kana duraa Hospiitalaa Xoor Haayloochitti ogeessa fayyaa kan turtee, boodarra sooromaa kan baate.
3.Koloneel Kinfee Taaddasa –raayyaa ittisaa kan gane
4. Koloneel Yamaanee Kaahisaay-raayyaa ittisaa kan gane
5. Asaggid G/Kiristoos- nama dhuunfa itti gaafatamuumman isaa hin beekamne to’anna jala oolaniiru.
6.Haadha warraa Meejaar Jeneraal Haayaloom Ari’ayaa kan turteefi jireenyaa ishee Ameerikaa taasisuun boodarra gara Finfinnee dhufuun gara garee juuntaatti kan dabalamtee,aadde Algaanaash Mallas garicha to’achuuf ooppireeshinii gaggeeffame keessaatti miliquuf wayita yaaltutti bollaa keessa seenuun lubbuun ishee darbuu Birgaadeer jeneraal Tasfaayee Ayyaalew himaniiru.
Maddi:-TOI
Feesbuukii keenyan dabalata odeeffannoo waqtaawaa argachuuf;
Teelegraama keenya https://t.me/afanoromofana subiskiraayib godhaa.
Karaa Yuutyuubii keenyan nu hordofuuf FBC Afaan Oromoo https://www.youtube.com/c/fanabroadcastingcorporate/ subiskiraayib godhaa.
Karaa marsariitii (weebsaayitii) keenya fanabc.com/afaanoromoo nu hordofaaa.
Twiitara keenya https://twitter.com/fanatelevision nu duukaa bu’aa
Yeroo maraa nu waliin waan taataniif isin galateeffanna.
Filatamoo
Comments (0)
Add Comment